Stationery and office consumables

Godiina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gurawaa bara bajataa 2019 keessatti seektaroota Gandoota Aanaa keenyaa keessatti argamaniif meeshaalee isteeshinarii, dhaabbataa, farnicharaa, elektirooniksii,, qulqullinaa, ljaarsaa, uffata seeraa, mees

Description

Beeksisaa Caalbaasii Ifaa

Godiina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gurawaa bara bajataa 2019 keessatti seektaroota Gandoota Aanaa keenyaa keessatti argamaniif meeshaalee isteeshinarii, dhaabbataa, farnicharaa, elektirooniksii,, qulqullinaa, ljaarsaa, uffata seeraa, meeshaalee jijjiirraa konkolaataafi motorsaaykilaa, dhiheessa miidhaan nyaataafi nyaata bilchaataa dhukkubsatoota hospitalaafi sirrreeffamtoota seeraa, dhiheessa sanyii biqiloota addaa addaafi meeshaalee leenjii Kolleejii BITO caalbaasii ifaan dorgomsiise bituu barbaada. Kanaaf dorgomtootni ulaagaa kanaa gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu.

1. Gibira bara 2018 kaffalee hayyama hojii bara 2019 kan haaromse.

2. Dhiheessa meeshaaleetiif hayyama hojii kallattii kan qaban.

3. Galmee dhiheessitoota kessatti kan galmaa'eefi ragaa dhiheeffachuu kan danda'an.

4. Dorgomaan hundi galmaa'aa Taaksii Dabalata Qabeenyaa (VAT) fi (TIN) kan qabuufi ragaa dhiheefachuu kan danda'u.

5. Dorgomtoonni hundi kabachiisa caalbaasii qarshii kuma shantama (50,000) callaan ykn CPO baankii Daldala Itoophiyaa /CBE/irraa maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Gurawaatiin qabsiisuu kan dandahu.

6. Dorgomaan hundi sanada yeroo deebisan maqaa, mallatoofi chaappaa dhabbatichaa irrattii dhahuun poostaa lamaan koppiifi orjinaalaa addaa addaan saamsanii galchuu qaban.

7. Sanadni dhihaatu laaqamaafi haqamaa kan hin qabne ta'uu qaba.

8. Beeksiifni caalbaasiin kun guyyaa bahee irraa egalee guyyaa hojii motummaa kudha shaniif (15) qilleensarra tura.

9. Dorgomtoonni beeksifni caalbaasii gaafa guyyaa 2/12/2018 irraa eegalee hanga guyyaa- 22/12/2018ttii qarshii hin deebine Kuma lama (2000) kaffaluun sanada Waajjira Maallaqaa Aanaa Gurawaattii bitachuu dandeessu.

10. Caalbaasichi gaafa guyyaa kudha shanaffaa (15ffaa) sa'aa 11:30 iratti cufamee gaafa guyyaa Kudha Jahaffaa (16ffaa) sa'aa 4:00 irratti bakka Koree fi dorgomtootni ykn bakka bu'aan seeraa argamutti Waajjira Mallaaqaa A/Gurawaati ni banama.

11. Guyyaan kun cufaa ykn Ayyaana yoo tahe guyyaa itti aanu sa'aatii walfakkaatutti ni banama.

12. Dorgomtootni caalbaasicha irratti mo'aman kabachiifni caalbaasii guyyaa lama keessatti ni deebi'aaf. Dorgomaan caalbaasicha mo'ate guyyaa mo'uu isaa beekee eegalee guyyaa shan (5) keessatti gatii bittaa waliigalaa keessaa 10% kabachiisa waliigaltee qabsiisuun waliigaltee bittaa seenuu qaba.

13. Mo'ataan meeshaalee dhiheessu geejiba baasii isaatiin hangaa Waajjiira Maallaqaa Aanaa Gurawaatti dhiheessuu qaba.

14. Waldaaleen IMX gosa hojii kanarratti hirmaatan yoo jiratan ni jajjabeeffamu.

15. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirga ni qaba.

16. Yaada dabalataaf Lakkoofsa bilbilaa 09 15 15 13 79/ 09 39 90 21 53 fi 09 01 94 45 16 bilbiluun gaafachuu dandeessu.

Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gurawaa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-25
  • Bid closing time: 17:30
  • Bid closing (note): gaafa guyyaa (15ffaa) sa'aa 11:30 iratti
  • Bid opening: 2026-08-26 12:00
  • Bid opening (note): gaafa guyyaa (16ffaa) sa'aa 4:00 irratti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gurawaa
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 08, 2026)
  • Posted at: 2026-08-08T08:29:43.000Z
← Back to all tenders