Stationery
Waajjirri Mallaqaa Aanaa Gurraa Dhaamolee Meeshaalee adadaa Bara Baajata 2019 ooluu wal-dorgomsiisee bituu barbadaa
Description
Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee Bara Baajata 2019
Godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamoleetti Waajjirri Mallaqaa Aanaa Gurraa Dhaamolee Seektaroota Aanaaatii fi Gandoota Aanaa keenna jala jiraniif Bittaa Meeshaalee Bara Baajata 2019 tiif kan oolu :-.1.Bittaa Meeshaalee Barreessaa 2 Meeshaalee Qulqullinnaa 3 Meeshaalee Dhaabbataa fi Dhumataa 4ff Meeshaalee Elektirooniksii 5 Fumiicharoota 6, Uffata Seeraa Hujjettoota Mootummaa 7 Meeshaalee Ijaarsaa 8 Goommaa Konkolaataa fi Mootarootaa Caalbaasii ifaan wal-dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf gaazexaa kallacha oromiyaa guyyaa 30/11/2018 bahe irratti dhaabbileen daldaalotaa ulaagaalee armaan gadii guutan hundi dorgomuu ni dandeessu.
Ulaagaalee Caalbaasii orgommiif Barbaachisu.
1. Dorgomaan Damee hojii ittiin dorgomaniitiin hayyama. hojii daldalaa seera qabeessa kan qabuu fi hayyama daldaala isaa kan haarawoomse ta'uu fi gibira bara 2018 kafaluu isaa waajjira galiiwwanii irraa raga dhiheessuu qaba
2. Waraqaa Ragaa Galmaawaa Vaatii,Ragaa TIN fi waraqaa dhiheessummaa kan qabu
3. Dorgomaan kamiyyuu wabummaa kabajsiisa caalbaasii CPO qar [50,000] kuma shantama qofa Maqaa waajjira Mallaqa Aanaa Gurraa dhaamoleetiin qophaa'ee sanada caalbaasii teknikaalaa waliin dhiheessuu qaba.
4. Dorgomtoonni sanada ittiin dorgoman sanada dorgommi faayinaashaala orijinaala,faayinaashaala koppii,sanada Teknikaala orijiinaala fi koppii kophaa kophaatti poostaan saamsuudhaan chaappaa dhaabbatichaa irratti rukutuun hogganaan mallattaa'ee dhihaachu qaba.
5. Dorgomtoonni sanada dorgommi yeroo guutan gatii meeshaalee VAT waliin guutuu qaban ykn Gatiin isaan guutan VATkan dabalatee ta'uu qaba.
6.Dorgomtoonni saamuda Meeshaalee akka uffata seeraa dhiheessuu qabu.
7. Dorgomtoonni sanada caalbaasii Guyyaa caalbaasiin bahe irraa eegalee Guyyaa hojii walitti aanaa kudha shan (15) keessatti qarshii hin deebine 500 dhibba shan gofaan Bankii Daldaala Itiyoophiyaa lakkofsa Herrega Bankii 1000519073017 Gu/Dhamole Woreda GTS BET galchuun sanada Waajjira Maallaqaa Aanaa Gurraa dhaamolectti Kutas Lakkofsa 4 irraa bitachuu dandeessuu.
8. Sanadni Dorgommiif dhiyaatu irratti haqamaa fi laaqama qabaachuu hin qabu.
9. Dorgomtoonni Meeshaalee ittiin dorgoman irratti Moodeelaa fi Biraandii Meeshaalee akkasumas biyya itti oomishan barreessuun dirqama qabuu.
10. Dorgomaan ykn dhiheessanaan Meeshaalee ittiin moo'ate baasii hundaa dandahee Gola meeshaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Gurraa Dhaamoleetti galii gochuu qaba.
11. Dorgomaan moo'chuu isaa Xaalayaadhaan erga beeyyisifame guyyaa hojii 6ffaa irraa eegalee guyyoota 15 keessatti waajjira Maallaqaa Aanaa Gurraa dhamolcetti dhihaachuun gatii ittiin moo'ate Waliigalaa irraa qarshii % 10 kabachiisa Waligaltee %10 CPOn Waajjira Maallaqaa Aanaa Gurraadhaamoleetiin qabsiisuun Waliigaltee seenuu qaba .Waliigalteen CPONn qabame kun hanga waliigalteen raawwatamutti Waajjiratti qabamee kan turu ta'a.
12. Dorgomaan waliigaltee akka seenuu yeroo yaamichi godhameef keessatti waajjiratti dhihaatee waliigaltee kan hin seenne yoo ta'e kabachiisa caalbaasii qarshii [50,000] kuma shantama qofa CPOn qabsiifame Mootummaaf galii ni godhama.
13. Dorgomaan Haala waliigaltee seenameen dirqama isaa kan hin bane ykn hin raawwanne yoo ta'e kabachsiisa waliigalteef qabame Maallaqa %10 CPOn qabsiifame Mootummaaf galii ta'e
14. Caalbaasiin Guyyaa qilleensa irraa oolee kaasee Guyyaa hojii 16ffaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Gurraadhaamolee Biiroo Lakk 4 tti ganama keessa sa'aatti 4:00 tti cufamee guyyuma kana sa'aatii 4:30 tti bakka dorgomtooni ykn bakka bu'oonni fi taajabdoonni argamanitti caalbaasii ni banama.Guyyaa baniinsaa Ayyaana yoo ta'e guyyaa hojii itti aanu ni banama
15. Meeshaaleen dhihaatu haala ibsa meeshaalee waliigalameen orijinaala yoo ta'uu baate waajjiri bittaa raawwatu hin fudhatu kaffaltiinis hin raawwatamu
16. Dorgomtoonni Adeemsa caalbaasii irratti komii yoo qabaatan barreeffamaan waajjiraaf dhiheessuu qaba.
17. Waajjirichi dhiheessaaf kaffaltii gatii Meeshaalee ykn tajaajila kan raawwatu haala waliigalteetiin meeshaalee ajajaman galii ta'uu isaa raga modeela 19 irratti yoo galmaa'edha.
18. Waajjirri filannoo addaa yoo argate Caal-baasicha gar- tokkeen ykn guutumaan guututti haquuf mirga kan qabu ta'uu isaa .Oddeeffannoo dabalataatiif Lakk bilbila 0912253299 ykn 0934112530 Hubachuu ni danda'u. Godina Baalee Aanaa Gurraa dhaamoleetti
Waajjirri Mallaqaa Aanaa Gurraa Dhaamolee
Tender details
- Deadline: 2026-08-24
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): Guyyaa hojii 16ffaa sa'aatti 4:00 tti
- Bid opening: 2026-08-24 10:30
- Bid opening (note): Guyyaa hojii 16ffaa sa'aatti 4:30 tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gurraa Dhaamolee.
- Bid bond: Qarshii 50,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 06, 2026)
- Posted at: 2026-08-10T08:57:11.000Z