Stationery and office consumables

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Harargee Bahaa meeshaalee barruu, qulqullinaa, elektirooniksii, farnicharoota, goommaafi baatirii konkolaataa adda addaa seektaroota godinaatiif caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bittaa gaggeessuu ba

Description

Beeksisa Caalbaasii Lakkoofsa 01/2019

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Harargee Bahaa meeshaalee barruu, qulqullinaa, elektirooniksii, farnicharoota, goommaafi baatirii konkolaataa adda addaa seektaroota godinaatiif caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bittaa gaggeessuu barbaada. Kanaafuu dorgomtoonni ulaagaalee armaan gadii kana guuttan caalbaasicha irratti akka hirmaattan afeeramtanii jirtu.

1. Hayyama daldalaa seeraqabeessa damee kanaa kan qabu.

2. Gibira baraa kan kafaleefi hayyama daldalaa kan haaroomse.

3. Galmee dhiheessitootaa keessatti kan galmaa'eefi ragaa kan qabu.

4. Vaatii kan galmaa'eefi ragaa dhiheeffachuu kan danda'u.

5. Kabachiisa caalbaasii (CPO) maqaa Maallaqaa G/H/Bahaatiin qarshii 200,000 (Kuma dhibba lama) dhiheessuu kan danda'u.

6. Dorgomtoonni beeksifni sanada caalbaasii gaazeexaan guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15f sanada tokkoof maallaqa hin deebine qarshii 300.00 (Dhibba sadii) kaffaluudhaan yaroo hojii mootummaatti Waajjira Maallaqaa Adeemsa Bittaafi Bulchiinsa Qabeenyaatii bitachuu ni dandeessan.

7. Caalbaasiin guyyaa gaazexaan baherraa guyyaa hojii 16ffaa sa'aatii 3:30 irratti cufamee guyyuma sana sa'aatii 4:00tti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni argamanitti kan banamu yammuu ta'u, guyyaan 16ffaa guyyaa hojii yoo ta'uu baate guyyaa hojii itti aanu sa'aatii walfakkaatutti caalbaasiin banama.

8. Dorgomtoonni sanada caalbaasii faayinaanshiyaalaafi teknikaalaa orijinaalaafi kooppii poostaa adda addaatiin saamsuun dhiheessuu qaban,

9. Waajjirichi karaa fooyya'aa biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen yookaan guutumaan guutuutti haquuf mirgi seeraa kan eeggamedha.
Ragaa dabalataatiif lakkoofsa bilbilaa 09 66 74 67 96 tiin bilbilaa

Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Bahaa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-27
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): guyyaa hojii 16ffaa sa'aatii 3:30 irratti
  • Bid opening: 2026-08-27 12:00
  • Bid opening (note): guyyaa hojii 16ffaa sa'aatii 4:00 irratti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bul/Moot/Naan/Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Bahaa
  • Bid bond: Qarshii 200,000.00
  • Bid document price: Qarshii 300.00 tokkoon tokkoon
  • Published on: BARRIISAA (Aug 09, 2026)
  • Posted at: 2026-08-10T09:03:58.000Z
← Back to all tenders