School uniforms
Biiroo Barnoota Oromiyaatti Manni Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2 Amboo Bara Baajetaa 2019 tilf kan oolu Yuuniformii Barattoota fi Gaawonii Barsiisota, Meeshaalee Barnoota, Meeshaalee Qulqullinaa, Nyaata Beeyladaa, Baabura Daaksiisuuf, dhiyyees
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2019
Biiroo Barnoota Oromiyaatti Manni Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2 Amboo Bara Baajetaa 2019 tilf kan oolu Yuuniformii Barattoota fi Gaawonii Barsiisota, Meeshaalee Barnoota, Meeshaalee Qulqullinaa, Nyaata Beeyladaa, Baabura Daaksiisuuf, dhiyyeessi qoraniif, Meeshaa Dhaabbii Qophii Nyaataf barbaachisan, oomishaalee Dheedhii fi Mi'eessituu Adda Addaa nyaataa barattootaf oluu caalbaasiidhaan waldaaleen ykn dhaabbanni dhiyyeessuu danda'u labsii bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk. 157/2002 fi qajeelfamaa bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 irratti hundaa'uudhaan caalbaasii ifaatin dorgomsiisee bituu barbaada.
Ibsa Balli'inaan
Caalbaasiin kun Guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahe calqabee gosota fi waliigala odeeffannoo meeshaalee bitamuuf barbaadaman kan ibsuu sanadaa caalbaasii akaakuu bittaa tokko tokkoof qopha'ee kan hin deebine qarshii 200(dhibba lama) herregaa bankii keenyaa 1037600115981 bankii hojii gamtaa oromiyaa galii taasisuun yeroo hundaa sa'atii hojiiti Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2a Amboo kutaa faayinaansiirra bitachuun ni danda'ama
Dirgama Dorgomtootaa (Ulaagaa Dorgomtoonni guutachuu qaban)
1. Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galma'anii fi raga galmee dhiyeessummaa ministeeraa maallaqaa ykn caasaalee sadarkaan jiraan irraa baasanii koppii isaa dhiyeessuu kan danda'an.
2. Gibira bara kana kan kanfalanii fi zarfii daldala meeshichaatiin heyyama daldalaa haarome kan qaban,raga footoo koppii qabatamaa dhiyyeessuu qabu.
3. Galma'aa taaksii dabala qabenyaa/VAT, TIN Footoo koppii Sartifikeetii dhiyeessuu qabu.
4. Sanadaa (dokumentii) gatii walii gala meeshaalee dhiyyaatee bitachuun chaappaa waldaa isaaniin mirkaneessuun ergaa samsamee boodaa teessoo fi bilbila waldaa ykn dhaabbata dorgomee irratti barreessuun maqaa waldaa, maqaa mana barumsaa fi sanadaa caalbaasii yuuniformii barattoota fi gaawonii barsiisota, Meeshaalee Barnoota, meeshaalee qulqullinaa, nyaata beeyladaa, baabura daaksiisuuf, dhiyyeessi qoranif, meeshaa dhaabbii qophii nyaataf barbaachisan, meeshaalee Dheedhii fi Mi'eessituu Adda Addaa mana barumsaa Ifaa Boruu Bultii Addaa Amboo jechuun sanadaa teeknikaa fi faayinaansii orijinaala akkasumas sanadaa teeknikaa fi faayinaansii copy jechuun dhunfaa dhunfaatti saamsuun poostaa tokkorratti(mother evelop) saamsuun kan dhiyyeeffatu.
5. Dorgomtoonni baayinaa gatii waliigala meeshaalee gosaa akaakuu dookumentii tokko dorgoman irratti %1 kabachiisaa caalbaasii ykn CPO bankiin mirkanaa'e sanadaa caalbaasii waliin poostaa samsamee faana dhiyyachuu qaba. waldaaleen IMX haala sirreffama dambii IMX qajeelfamaa bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa baasee amma hojii irra jirun ta'u qaba.
6. Guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa beeksisee eegalee guyyaa hojii walitti Aanu guyyaa 15f qillensa irra ni oola (sanadni ni gurgurama) gaafa guyyaa 16ffaa isaa caalbaasiin ni banama.
7. Dorgomtoonni mo'atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa meeshaalee mo'atan irratti 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa Maallaqa callaatiin dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni mo'ataman (caalbaasicha kufan) mo'ataa fi mo'atamaan caalbaasichaa eega ifa ta'ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda'u.
8. Dorgomtoonni guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa beeksisee eegalee guyyota hojii walitti aanan guyyaa 15(kudha shan)ti sanadaa caalbaasii qophaa'ee hangaa waaree dura sa'ati 6:30 ti mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Amboo kutaa faayinaansi irra bitachuu danda'u. Gaafa guyyaa 16ffaa sa'aatii 2:00 tti caalbaasiin ni cufama. guyyama sana sa'aatii 9:00 tti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii fi qaamoleen irratti hirmaachuu barbaadan bakka argamanitti ni banama, dhaabbanni caalbaasichaa galche ykn bakka bu'an yoo jiraachuu baates poostaan isaanii ni banama.
9. Manni hojichaa kanfaltii gatii meeshaa dhiyaatee irratti taaksii mootummaa (Withholding 3% Guutu fi Vat 15% Walakkeessa) qabee hambisuun mootummaaf dhangalaasuuf dirqamaa itti kennamee rawwachuuf mirga qaba.
10. kanfaltii gatii meeshaalee dhiyaataniif taasifamuuf akka mija'uf dhiyeessan kamiyyuu herregaa baankii siinqee qabaachuu fi beeksisuu qabu.
11. dorgomtoonni caalbaasii kana mo'atan baasii kamiyyuu danda'uudhan meeshaalee irratti mo'atan mana kuusaa Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2a Ambooti dhiyyeessu qabu.
12. Bakki argama isaa Magalaa Guddoo Finfinee irraa gara lixaa tii 125km Fagaatee kan Argamtu magaala Ambootti dha
13. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkees ta'ee guutummaan guutuutti haquudhaaf mirga qaba
Ragaa Dabalataan barbaadamuuf Lakk. Bilbilaa 0118766024/0917097370/0920576122
Biiroo Barnoota Oromiyaatti Manni Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2 Amboo
Tender details
- Deadline: 2026-08-24
- Bid closing time: 08:00
- Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 2:00tti
- Bid opening: 2026-08-24 15:00
- Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 9:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Biiroo Barnoota Oromiyaatti Manni Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2 Amboo.
- Bid bond: tokko dorgoman irratti %1
- Bid document price: Qarshii 200.00 tokko tokkoof
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 06, 2026)
- Posted at: 2026-08-10T09:11:39.000Z