Stationery and office consumables
Waajjirri Maallaqaa Aanaa M/Roobii bara baajataa 2018 keessa seektaroota Aanaa keessa jiraniif Uffata seeraa hojjettootaa Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Barnootaa, Meeshaalee Qulqullinaa Meeshaalee adda addaa fi Kitaabolee, Meeshaalee Haaromsaa, Mees
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk .01/2018 Bittaa Meeshaalee
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti Finfinnee irraa KM 101 fagaattee kan argamtu Waajjirri Maallaqaa Aanaa M/Roobii bara baajataa 2018 keessa seektaroota Aanaa keessa jiraniif Uffata seeraa hojjettootaa Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Barnootaa, Meeshaalee Qulqullinaa Meeshaalee adda addaa fi Kitaabolee, Meeshaalee Haaromsaa, Meeshaalee Dhaabbii Biiroo, Gommaa Konkolaata, Meshalee Haaromsaa Konkolaataa fi Baatirii Konkolaataa dhiyeessitoota Wal dorgomsiisee caalbaasii ifaadhaan bituu barbaada.
Ibsa Balli'inaan.
Dhiyeessitoonni ulaagaalee armaan gadii guuttan guyyaa beeksifin kun gaazexaa Kallacha Oromiyaatiin maxxanfamee ba'e irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 15f hanga 20/12/2018 sa'aatii 11:00 itti waa'ee meeshaalee bitamanii kan ibsu sanada caalbaasii qophaa'e qarshii hin deebine qarshii 2000 (kuma lama) kanfaluun Waajjira maallaqaa Aanaa Meetta Roobii biiroo lakk.3 dhufuun bitattanii dorgomuu ni dandeessu.
Ulaagaalee barbaachisoo
1. Gibira bara kanaa kan kaffalee fi raga dhiyeeffachuu kan danda'u/ dandeessu.
2. Bittaa meeshalee taksii dabalata qabeenyaa VAT galma'aa kan ta'e ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u/dandeessu.
3. Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'e /galmoofte fi ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u /dandeessu.
4. kabachiisa Caalbaasii Qarhii 30,000 (kuma soddomaa) Qarshii dheedhiin Ykn CPO baankii daldala Itoophiyaa /Bankii Siinqee irraa qofaa dhiyeeffachuu qabsiisuu kan danda'u /dandeessu ta'uu qaba/qabdi. Kanaan ala waan biraatiin CPO'n dhiyaate fudhatama hin qabu
5. IMX dhaan kan gurmaa'e/ gurmoofte yoo ta'e qaama ijaare irraa xalayaa kabachiisacaalbaasii qarishii 30,000 (qar.kuma soddoma) xalayaa kabachiisa waliigaltee 10% wabii ta'uu isaan kallatiidhaan xalayaa wabumaa Waajjira maallaqaa Aanaa keenyaaf kallatiidhaan kan barreeffame dhiyeeffachuu kan danda'u / dandeessu ta'uu qaba/qabdi.
6. Mo'ataa ta'ee erga mirkanaa'ee booda walii galtee mallatteessuuf fedha kan qabu qabdu
7. mo'achuun isaa /ishee erg mirkanaa'ee booda guyyoota 30 (soddoma/) keessatti wantoota moo' ate /moo'atte hundumaa dhiyeessu kan danda'u/ dandeessu.
8. Guyyoota jedhame keessatti kan hin dhiyeessine yoo ta'e kabachiisa caalbaasii fi kabachiisa waliigaltee dhaalamuu Akka danda'u/ dandeessu fi seeran gaaffatamuu hamanee/hamantee kan mallatteessu/mallateessitu ta'uu qaba/ qabdi.
9. Kabachiisa waliigaltee gatii walii gala ittiin moo'ate keessaa 10% Qarshii dheedhiin ykn CPO baankii daldala Itoophiyaa irraa dhiyeeffachuu kan danda'u/ dandeessu. Kanaafuu namootni dhuunfaa ykn dhaabbileen dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun gaazexaa kallacha Oromiyaa tiin maxxanfamee bahe irraa eegalee hanga 21/12 bara 2018 sa'aatii 11:00 itti qofa gatii tokko ittiin dorgomtan orjinaala fi koppii isaa kophaatti gagaadhan samiidhaan saamsuudhaan saanduqa caalbaasiidhaaf qopha'e keessa galchuu ni dandeessu.
10. Gaafa guyyaa 16 21/12/2018 bara 2018 sa'aatii 8:00 gubbaatti saanduqnicaalbaasii cufamee guyyaadhuma kana sa'aatii 8:30 irratti saanduqni caalbaasii iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni isaanii argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaa Roobii keessatti ni banama. Guyyaa 16ffaan waajirri cufaa (Ayyaana yoo ta'e) Guyyaa hojii itti-aanu sa'aatii jedhametti saanduqni caalbaasii cufamee banama
Waajjirichi karaa fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar- tokkeedhaan ykn guutumaaguututti haquuf mirga qaba.
Odeeffannoo dabalataaf Lakk.Bilbila 0920583527, 0112340014, 0912310035 ykn 0987770062 bilbiltanii gaaffachus ni dandeessu.
Waajjira maallaqaa Aanaa M/Roobii
Tender details
- Deadline: 2026-08-27
- Bid closing time: 14:00
- Bid opening: 2026-08-27 14:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa M/Roobii
- Bid bond: Qarshii 30,000.00
- Bid document price: Qarshii 2000.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 06, 2026)
- Posted at: 2026-08-10T09:29:44.000Z