Stationery and office consumables
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa Aanaa Gomooleetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gomoolee bara baajataa 2019tti Waajjiraalee Mootummaa Aanichaaf kan oolu meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee dhumaa dhaabbii biiroo meeshaalee e
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa Aanaa Gomooleetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gomoolee bara baajataa 2019tti Waajjiraalee Mootummaa Aanichaaf kan oolu
- meeshaalee barreeffamaa,
- meeshaalee qulqullinaa,
- meeshaalee dhumaa dhaabbii biiroo
- meeshaalee elektirooniksii, farniicheroota,
- uffata seeraa hojjettoota mootummaa,
- doqdoqqeewwaniifi goommaa konkolaataa caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada.
Kanaafuu dorgomtoonni dorgomuu barbaadan;
Eeyyama daldalaa bara 2019 haaromfame, waraqaa ragaa kaffalaa gibira mootummaa, galmaa'aa gibira dabalata qabeenyaa(VAT),TIN No. kan qaban ta'uu qabu.
Tokkoon tokkoon dorgomtootaa kabachiisa caalbaasii tokkoon tokkoo mee- shaalee farniicheriifi meeshaalee elektirooniksiif Qarshii 25,000 (Kuma dig- damii shan)fi sanadootaa kan biroof tokkoon tokkoo isaaniif Qarshii 10,000 (Kuma kudhan) cheekii baankin mirkanaa'ee (CPO) ykn maallaqa dheedhii guyyaa sanadni caalbaasii galu waliin galchuu qabu.
Dorgomtoonni guyyaa beeksifni kun bahee jalqabee guyyoota hojii 15 (kudha shan) yeroo hojii sa'aatii 2:30 hanga 6:30 fi 7:30 hanga 11:30 qarshii hin dee- bine Qarshii 1000 (Kuma tokko) tokkoon tokkoo sanadaaf kaffaluun sana- da caalbaasii Waajjira Maallaqaa Aanaa Gomoolee kutaa bittaatii argamuuni bitachuu ni dandeessu.
Dorgomtoonni sanada caalbaasii guyyaa beeksifni bahee qabee guyyaa 16ffaa irratti guyyaa keessaa hanga sa'aatii 4:30tti saanduqa caalbaasii qophaa'e keessa galchuu qaba.
Caalbaasin kan banamu guyyuma kana sa'aatii 5:00 iddoo dorgomtoonni ykn bakka buutonni argamanitti ta'ee guyyaan kun guyyaa hojii yoo ta'uu baate guyyaa hojii itti aanu sa'aatii 5:00tti ta'a. Dorgomtoonni meeshaalee caalbaa- siif dhiyaatan mo'atan Waajjira Maallaqaa A/Gomoolee mana kuusaatti gatii fe'iisaafi buusuu danda'uun meeshaa galii taasisuu qabu.
Hubachiisa
Waajjirrichi mala bittaa fooyya'aa yoo argate caalbaasii guutumaan guututti ykn walakkaan haquuf mirga guutuu qaba
- Meeshaalee barreessaa, meeshaa qulqullinaa, uffata seeraafi meeshaalee adda addaa saampiliin dhiyaachuu qaba.
- Dorgomtoonni yeroo gatii meeshaalee sanada caalbaasii irratti guutan gatii fe'iisaa dabalanii guutuun
- Odeeffannoo dabalataatiif: Bilbila: +251916925859/0916423757
Aanaan keenya Magaala Finfinnee irraa kiiloo meetira 565, fagaatee argama
Godina Booranaatti Waajjira Maallagaa Aanaa Gomoolee
Tender details
- Deadline: 2026-08-27
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:30tti
- Bid opening: 2026-08-27 12:00
- Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa'aatii 5:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Booranaatti Waajjiri Maallaqaa Aanaa Goomolee
- Bid bond: Lootii adda addaatiif adda adda
- Bid document price: Qarshii 1000.00 tokko tokkoon
- Published on: BARRIISAA (Aug 09, 2026)
- Posted at: 2026-08-10T10:27:39.000Z