Property and building foreclosure

Baankiin Siinqee W.A Mana jireenyaa gurguruu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Baankii siinqee

Lakk.BS/ KTS/038/2018

Baankiin Siinqee W.A Qabeenyaa armaan gadii bu'uura Aangoo Labsii lakk.97/1990 (akka foya'eettii) tiin kennameefiin gurguruu barbaada

TL

 

Maqaa Liqeeffataa

 

Maqaa Namaa qabeenya qabsiisee

 

 

Damee Liqeesse

 

Teessoo fi ibsa Qabeeya Caalbaasiif dhiyaatee,

Ka'uumsa Caalbaasii Qarshiidhaan

 

Yeroo Caalbaasiiin itti gaggeeeffamu

Marsaa Caalbaasii ba'e

Qabeenya Caalbaasiif dhiyaate

Magaala/Kutaa Magaalaa/Aanaa/ Gandaa

Lakka kaartaa

Bal'ina Lafaa

Guyyaa

Sa'aatii

1

Mariyaa Nagaash Zawudee

Mariyaa Nagaash Zawudee

Karra Aloo

Mana jireenyaa

Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Xaafoo

OR00004098611007

255.40m²

3,712,800.82

02/13/2018

4:30-6:00

1ffaa

Dambiiwwan Caalbaasii:

1) Dorgomaan ykn bakka bu'aan seeraa dorgomaa gatii ka'uumsa Caalbaasichaa 1/4a Ajaja Baankii /C.P. O/ dhaan mirkanaa'e qofa qabsiisuun galmaa'uun dorgomuu ni danda'a. Dorgomaan Caalbaasiicha mo'ate guyyaa 15 (kudha shan) keessatti gatii qabeenyicha ittiin mo'ate kaffalee xumuruu qaba. Kan hin xumurre yoo ta'e, qarshii qabsiise Baankichaaf galii ta'ee, Caalbaasichi kan haqamu ta'a. Dabalataan garaagarummaa gatii qabeenyichi Caalbaasichaaf irra deebiin ba'uun uumamuuf itti gaafatamaa ta'a.

2) Dorgomaan caalbaasii irratti gatii ol'aanaa dhiyeesse caalbaasichaa mo'aachuu isaa qaama dhimmi ilaaluun erga mirkanaa'een booda xalayaa mo'aataa ta'uu isaa ibsu kennamaaf.

3) Dorgomtoota Caalbaasicha mo'atamaniif Ajaja Baankii /C.P.O'n qabsiisan guyyuma sana deebi'aaf.

4) Caalbaasii irratti argamuu kan danda'u dorgomaa, liqeeffataa fi qabsiisaa qabeenyaa ykn bakka bu'aa seeraa isaanii qofa ta'a.

5) Caalbaasichi kan adeemsifamu bakka qabeenyichi itti argamutti ta'a.

6) Guyyaa caalbaasiichaatti sa'a 4:30-5:00tti yeroo galmee dorgomtoota ta'ee sa'a 5:00 irraa eegalee galmeen dorgomtootaa hin jiraatu, sa'a 5:00 irraa eegalee hanga sa'a 6:00tti yeroo caalbaasiin adeemsifamu ta'a.

7) Kaffaltii jijjirraa maqaa akkasumas kaffaltii liizii fi kanneen biroo bitataan bu'uura seeraatiin akka kaffaluuf murtaa'ee/dirqamu kanneen Taaksii waliin walqabatan bitataan/mo'ataan battala Caalbaasii mo'atee qabee kan kaffalu ta'a.

8) Waldaan Daldalaa Waldicha bakka bu'ee Caalbaasicha irratti dorgomuu barbaade sanada aangoo qaamaa seerummaa qabaachuu isaa agarsiisu (Barreeffama Hundeeffamaa fi ykn Dambii ittiin Bulmaataa) fi aangoo bakka bu'insa seeraa qabatee dhiyaachuu qaba.

9) Baankichi karaa mijaawaa biroo yoo argatee, Caalbaasicha guutummaatti ykn gar-tokkeen haquuf mirgi isaa kan eegamedha.

10) Namni qabeenya Caalbaasiif dhiyaate kana ilaaluu barbaadu, Dameelee liqeessaa beellama qabsiifachuun ilaaluu ni danda'a.

11) Dorgomaan moo'ataa caalbaasiti kan jedhamu moo'ataa ta'uu isaa kan ibsu barreeffamaan yeroo xalayaan harka isa gahu qofadha

12) Odeeffannoo dabalataaf: Lakkoofsa bilbilaa Baankii Siinqee Kutaa Tajaajila Seeraa (011-557-6016), ta'e irratti bilbiluun gaafachuun ni danda'a

Baankiin Siinqee W.A


Tender details

  • Deadline: 2026-09-07
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid opening: 2026-09-07 12:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Baankiin Siinqee W.A.
  • Bid bond: 25%
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 06, 2026)
  • Posted at: 2026-08-10T11:23:40.000Z
← Back to all tenders