Stationery and office consumables

Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Mallaqa A/Lataa Sibuu meeshaalee Adaa adaa kireeffachuu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee

Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Mallaqa A/Lataa Sibuu meeshaalee armaan gaditti tarreeffamaan dorgomsiisee bituu barbaada. Meeshaalee Barreeffama, Meeshaalee Qulqullinaa fi Dhumataa biiroo adda adda, Meeshaalee Dhaabbii, Uffata seeraa hojjetootaa, meeshaalee elektironiksii, Meeshaalee Ijaarsa addaa adda, Meeshaalee dhaabbii naannootti hojjetaman, Gomma konkolataa, Meeshaalee ogummaa WBLTO, Maxxansa garaa garaa, afeerraa nyaataa, akkaasumaas Aanicha keessatti Mana Waajjiraf ta'u kireeffachuu barbaada.

Ulaagaalee Dorgommiif barbaachisan

1. Gibira bara 2018 kaffalee Heyyama daldala bara 2019 kan haaromfame kan qabu

2. Tarreeffama dhiyeessitootaa kessatti galma'uu isaaf ragaa kan dhiyeeffatu

3. Galma'aa VAT fi lakkofsa eenyummaa kaffalaa Gibiraa yookiin(TIN) qabaachuu isaaf ragaa kan dhiyeeffatu

4. Dorgomtoonni Ragaa teekinikaa fi dhiyeessii Gatii isaanii akkasumas foto koppii fi oriijinaala postaa qofa qofaatti erga saamsanii booda postaa arfanuu poostaa tokkoon, ta'ee poostaa hundi samiin ykn Gagaan samsanii dhiyeessuu kan danda'an.

5. Sanada caalbaasii bitachuuf qar 500.00 kan hin deebine wajjira A/T Galiiwwanii A/L/Sibuutti kaffaluu kan danada'u.

6. Dorgomtooti sanada dorgommii dhiyeessan irratti maqaa, teessoo, lakk, Bilbilaa fi mallattoo isaanii barreessuu qabu,akkasumas chappaa seeraa kan qabu ta'uu qaba.

7. Kabachiisa caal-baasii CPO'n mirkanaa'e dorgommii booda kan deebi'u tokkoo tokkoo gosa itti dorgomuu irratti qarshii 50.000.00 qabsiisuu kan danda'u.

8. Dorgomaan sanada caal-baasii Gatii guutuu irratti haqaa fi laaqaa godhe fudhatama kan hin qabne ta'u fi gatiin gutamu vat% dabalatee kan gutamu ta'uu isaa

9. Mo'ataan dorgommichaa utuu waliigaltee hin godhin dura modela (saamuda) meshaa gaafatamee dhiyeessuu kan danda'u

10. Mo'ataan caalbaasichaa kabaachiisa caalbaasichaa gatii walii galaa keessaa %10 cheekii baankii ykn maallaqa calla qabsiisuu Kan danda'uu.

11. Mo'aataan meeshaalee ajajame kana keessaa osoo hin hir'isin dhiyeessuu kan danda'u.

12. Meeshaalee ajajame kana geejjiba mataa isaatiin waajjira maallaqaa aanaa Lataa Sibuutti dhiyeessuu kan danda'u

13. Waajirichi baayina meeshaa dabaluu ykn hir'isuu ni danda'a.

14. Meeshaaleen dhiyaatu akkataa moodela gaafatameen ykn oriijinaala ta'uu hubattanii gatii keessan itti yaaddanii guutu qabdu.

15. Guyyaa canadi dorgommii itti dhiyaatu guyyaa hanga 15/12/201 poostaa samsameen ta'a.

16. Bakka sanadi itti dhiyèatu waajjira maallaqaa aanaa Lataa Sibuutti ta'a.

17. Sanadi caal-baasii kan cufamu guyyaa gaafa 30/12/2018 waaree booddee sa'aatii 10:00ta'a

18. Caalbaasiin kun kan banamu gaafa 03/13/2018 ganama sa'aatii 4:00 irratti ta'a. bakka dorgomtoonnii ykn bakka bu'ootni secraa bakka argamanitti ta'a, yoo argamuu baatan garuu bakka isaan hin jirreetti kan banamu ta'uu isaa isin beeksifna.

Hubachiisa:-Waajjirichi caalbaasii kana yoo filannoo biraa argate guutummattii ykn gar tokkee isaa haquaf mirga qaba.

Godina Wallagga Lixaatti Waaljirri Mallaqa A/Lataa Sibuu


Tender details

  • Deadline: 2026-09-05
  • Bid closing time: 16:00
  • Bid opening: 2026-09-08 10:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Wallagga Lixaatti Waaljirri Mallaqa A/Lataa Sibuu
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 06, 2026)
  • Posted at: 2026-08-10T12:25:11.000Z
← Back to all tenders