Water Pipes and Fittings

Godina H/Lixaatti Dhaab/Taj/Bisha/Dhug fi Dhang/Ciroo Siree Ujummoo bishaanii, Fitingii adda addaa, meeshaalee dhumataa fi meeshaalee dhabataa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Godina H/Lixaatti Dhaab/Taj/Bisha/Dhug fi Dhang/Ciroo Siree Ujummoo bishaanii, Fitingii adda addaa, meeshaalee dhumataa fi meeshaalee dhabataa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Kanafuu, dhaabbatoonni ulaagaa armaan gadii guuttan akka dorgomtan affeeramtanii jirtu.

1. Meeshaa qulqullinaan dhiyeessuuf hayyama daldalaa kan haaromee fi gibira waggaa kan kaffale ta'uu isaa ragaa dhiyeessuu kan danda'u.

2. Dorgomaan Facattii dhiiyyeesitoota keessaa galmaa'uu isaanii ragaa dhiyyeessuu kan danda'an. Dorgomtoonni Dabalata Taaksii(VAT) Galmaa'aa ta'uu isaanii ragaa dhiyeessuu qaban. Kabachiisa Caalbaasii Qar. 20,000.00 CPOn Caalbaasiin osoo hin banamin qabsiisuu qaban.

3. Dorgamtoonni sanada caalbaasii maallaqa hindeebine qarshii 1000(kuma toko) kaffaluun dhaabbata irraa Bitun ni dand'ama.

4. Caalbaasiin guyyaa beeksifni kun bahe irraa egalee hanga guyyaa 15ffaa sa'aa 4:00tti dorgomtootaaf banaa ta'a. Caalbaasiin guyyaa qilleensarra oole irraa kaasee guyyoota walitti aanan 10f banaa ta'a.

5. Dorgomtoonni sanada caalbaasi irratti gatii tokko guutanii gaafa beeksifni kun qilleensa irraa oolee irraa eegalee sanduuqa dhimma kanaaf qophaa'e darbii 2 kutaa Lakk.8 keessa galchuu qaban, sanduuqni hanga guyyaa 15ffaa 4:00tti banaa ta'a. Caalbaasiin guyyuma kanatti sa'aa 4:00tti cufamee sa'aa 4:30tti dorgomtootaaf ykn bakka bu'aan isaanii bakka argamanitti ni banama. Dorgamtoonni ykn bakka bu'aan isaanii jiraachuu baannaanis caalbaasiin ni banama. Guyyaan baninsa caalbaasii hojii mootummaa ala yoo ta'e guyyaa hojii itti aanu banama.

6. Mo'ataan(dorgomaan) meeshaalee ittiin dorgoman Tiransporti isaaniitin hanga Ciroo Dhab/Taj/Bisha/Dhug fi Dhang/Ciroo Siree kutaa qabeenyaa galii gochuu qaban. Dorgomtoonni meeshaalee barbaadamu qulqullinaa fi baay'ina barbaadameen guutummaa guutuutti galchuu qaban.

7. Meeshaaleendhiyaate qulqullina kanhin qabne yoo ta'e daldalaan(dorgomaan) baasii isaatiin meeshaa jijjiiruu ykn maallaqa deebisuu qaba.

8. Gatii fee' insaa fi buusisaa dorgomaatu danda'a.

9. Istookii keessaa meeshaalee gahaa kan qabanii fi koree bittaa agarsiisuu kan danda'an.

10. Waajjirri yaada fooyya'aa fi filatamaa yoo argate caalbaasii gartokkeenis ta'e guutummaatti haquuf mirga qaba.

Idoon isaa Dhaab/Taj/Bisha/Dhug fi Dhang/Ciroo Siree
Ciroo
Lakk.Bilb. 09 12 15 75 44/ 9 11 49 31 28
Godina H/Lixaatti Dhaab/Taj/Bisha/Dhug fi Dhang/Ciroo Siree


Tender details

  • Deadline: 2026-08-26
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): guyyaa 15ffaa 4:00tti
  • Bid opening: 2026-08-26 12:00
  • Bid opening (note): guyyaa 15ffaa 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina H/Lixaatti Dhaab/Taj/Bisha/Dhug fi Dhang/Ciroo Siree
  • Bid bond: Qarshii 20,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1000.00
  • Published on: BARRIISAA (Aug 12, 2026)
  • Posted at: 2026-08-12T08:37:44.000Z
← Back to all tenders