Materials
Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaatt kan argamu Manni Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Nageellee bara baajata 2019tti baajata idilee moo- tummaa isaaf ramadameefi baajeta galii keessoo irraa meeshaalee dhumaa barnootaa, meeshaalee qulqul
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1faa
Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaatt kan argamu Manni Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Nageellee bara baajata 2019tti baajata idilee moo- tummaa isaaf ramadameefi baajeta galii keessoo irraa meeshaalee dhumaa barnootaa, meeshaalee qulqulli- naa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee dhaabbii eleektirooniksiifi meeshaalce farnichaaraa/furnitures/, maashina midhaan daaku, maashina daabboo bilcheessu, motora doqdoqqee, meeshaalee ispoortiifi huccuu ispoortii galtee nyaata barattoota adda addaa, dhiyeessii loon foonii(qalmaa), meeshaalee dhaabbii xixiqqaa, meeshaalee jijjirraa konkoolaataa, uffata seeraa/dambiifi nyaata beelladootaa, caalbaasii ifaadhaan waldorgomsiisee bituu barbaada.
Kanaafuu ulaagaa armaan gadii kan guuttaniifi kan dorgomuu barbaaddan haalu- ma armaan gaditti ibsameen dorgomuu dandeessu.
Ulagalee Dorgommiif Barbaachisan
1. Daladalaan kallattii hojii daldalaa isaanitiin kan bara 2019 hayyama hareffame qabaniifi faacaatii dhiyeessitootaa /supply list/ kenna tajaajila biyya kees- saaf ragaa dhiyeessuu kan danda'an; akkasumas lak- koofsa TIN kan qabuufi ragaa isaa dhiheeffachuu kan danda'u.
2. Caalbaasii bara 2019 irratti hirmaachuu dan-da'uu isaanii kan ibsu ragaa sanada dorgommii waliin dhiyeessuu kan danda'an.
3. Dorgomtootni caalbaasii biyya keessaa gibira kaffaluu isaanii kan mirkaneessu ragaa Biiroo/Waajji- ra Galiiwwanii, ykn Abbaa Taayitaa Gumuruukaa ykn Galii Biyya keessaa Feedaraalaa irraa ragaa kan dhiy-eessan ta'uu qabu.
4. Dorgomaan biyya keessaa dorgommicha irrat- ti hirmaatu kamiyyuu kaffalaa taaksii dabalata qabeen- yaaf /VAT/ galmaa'uu isaa kan mirkaneessu waraqaa ragaa dhiyeessu, bittaa mana hojichaaf dhiyeessan irraa VAT %7.5 citee saanduqa muutummaatti kan galchuta'uu beekuu qaba.
5. Dorgomaan guyyaa beeksifni kun gaazex- aa kaallach Oromiyaatiin qilleensarra oolee kaasee guyyoota hojii 15 keessatti sa'aatii hojii mootummaatti maallaqa hin deebine sanada tokkotti qarshii 500.00 (dhibba Shan) kanfaluun kutaa faayinaansii MBIBBA Nageellee irraa sanada bitachuufi saamsee deebisuu gaba.
6. Dorgomtoonni sanada caalbaasii isaanii oriji- naalafi koppii adda addatti saamsanii guyya beeksiifni kun gazeexaan qilleensarra oolee kaasanii hanga gaafa guyyaa hojii 15ffaa waaree dura sa'aa 6:00tti saan- duqa kanaaf qophaa'eefi kutaa faayinaansii MBIBBA Nageelleetti argamu keessa galchuu qabu. Caalbaasichi guyyuma kana sa'aa 6:30 cufamee guyyuma kana sa'aa 8:00 irratti bakka dorgomtaanni/bakka bu'oonni isaanifi taajjabdoonni argamanitti galma guddaa mana barnooti- chaa keessatti kan saaqamu ta'a
7. Dorgoman gocha malamaltummaafi qisaa- sa irraa bilisa ta'u, seerota Federaalaafi Naannoo kan kabajuufi sanada yaada dorgommiifi sanada caalbaasii waliin unkaa jiru irratti wadaa seenuun mallatteessuu qaba.
8. Dorgomaan yoo mo'ate meeshaalee irratti dor- gomee mo'atee sana hunda qulqullina isa eegee yeroo jedhameetti hojjetee dhiheessuuf gahuumsaafi feedhii kan qabu
9. Yeroon gatiin caalbaasii ragga'ee itti turu guyyaa 90f (baatii sadiif), dhiyeessii galtee nyaataaf ji'a kudhan(10) tahee dorgoman meeshaa dorgomee akka dhiheessuuf irratti darbe hunda hanga mana kuusaa ykn kutaa qabeenya MBIBBA Nageelleetti dhiheesuf feed- hiifi gahumsa kan qabu.
10. Dorgoomtootni ragaa teekinikaafi faayinaan- sii orijinaaliifi kooppiin poostaa adda addaan saamsanii dhiheeffachuu qabu.
11. Dorgomaan kabachiisa caalbaasii tilmaama gatii waliigalaa 2% CPO baankii dhiyeessuu ykn IMX yoo ta'e bu'uura dambii carraa hojii uumuufi ogummaa lakkoofsa 226/2014 tiin xalayaa deeggarsaa waajjira dhimmi ilaalurraa sanadaan walqabsiisee dhiyeessuu qaba.
12. Afaan caalbaasiin ittiin geggeeffamu afaan ho- jii mootummaa naannoo oromiyaa ta'a.
13. Sanada caalbaasii haqaafi laaqa kan hin qabne dhiheeffachuun dirqama.
14. Dorgomaan kamuu ragaa orijinaala yeroo bar- baadametti dhiyeessuuf dirqama qaba.
15. Manni Barnootichaa filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasiicha gar-tokkeenis ta'ee guutumaan guututti haquuf mirgi isaa eegamaadha.
Odeeffannoo Dabalataa: Bilbila: 09 05 27 44 03, 09 16 87 40 18, 09 21 05 08 61, 09 22 75 10 78 fi 09 38 30 32 52
Godina Boorana Bahaa,Magaalaa Nageellee Boorana
Tender details
- Deadline: 2026-09-09
- Bid closing time: 14:00
- Bid closing (note): Gaafa guyyaa hojii 15ffaa waaree dura sa'aa 6:30tti
- Bid opening: 2026-09-09 14:00
- Bid opening (note): Gaafa guyyaa hojii 15ffaa waaree dura sa'aa 8:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Boorana Bahaa Nageellee Booranaa
- Bid bond: 2%
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 20, 2026)
- Posted at: 2026-08-26T09:49:26.000Z