Office Furniture
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Mooyyalee Meeshaalee Dhumeeyyii Biiroo Keessaa,dorgomsiisuun bituu barbaada.
Description
Beeksisa Caalbaasii
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Mooyyalee Meeshaalee Dhumeeyyii Biiroo Keessaa, Meeshaalee Dhaabbii, Meeshaalee Elektirooniksii fi Nyaata adda addaa Bara Baajataa 2019 tiif Sekteraalee aanaatiif barbaachisan dorgomtootaa ulaagaa guutan dorgomsiisuun bituu barbaada. Kanaaf daldaltoonni hujii akkanaa irratti bobbaatan hayyama daldalaa bara 2019 haarawoomfame, waraqaa raga galmee dhiyeessummaa fi waraqaa ragaa galmaayaa VAT ta'uu keessan agarsiisu koppii isaa qabachuun guyyaa beeksifni kun bahe irraa kaasee waajjira maallaqaa aanaa Mooyyalee kutaa adeemsaa bittaatti argamuun sanada caalbaasii qarshii hin deebine 500 (Dhibba shanii) Account 1000026238769 itti galii taasisuun tokko tokkoo sanadaatiifkafaluun hanga guyyaa hujii 15aatti bitachuun dorgomuuni dandeettu. Caalbaasiin kan cufamu guyyaa hujii 16ffaa saa'aa 4:30 irratti yommuu ta'u; kan banamus guyyuma kana saa'aa 5:00 irratti. Waajirichi filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasii gartokkeenis ta'ee guutumaan guututti haquuf mirga guutuu kan qabu ta'uu ibsina. Odeeffannoo dabalataaf Bilbilli 0984679359 ykn 0717259359
Waajjira Maallaqaa Aanaa Mooyyalee
Tender details
- Deadline: 2026-09-14
- Bid closing time: 11:00
- Bid closing (note): guyyaa 16ffa sa,aatti 4:30tti
- Bid opening: 2026-09-14 11:00
- Bid opening (note): guyyaa 16ffa sa,aatti 5:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Mooyyalee
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T06:52:47.000Z