Firewood
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Dhaabbatni Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa Waajjirri Damee Harargee Bosona Bargamoo dhaabbii Distiriiktii Dindin, Jallo Muktar Hadas, Jaarsoo Gursuumiifi Gaara Mullataatti argamu caalbaasii ifa taheen waldorgomsiisee gurg
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa 1ffaa
Lakkoofsa Caalbaasii: OFWEDH/GU-01/2019
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Dhaabbatni Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa Waajjirri Damee Harargee Bosona Bargamoo dhaabbii Distiriiktii Dindin, Jallo Muktar Hadas, Jaarsoo Gursuumiifi Gaara Mullataatti argamu caalbaasii ifa taheen waldorgomsiisee gurguruu barbaada.
Kanaafuu:
1. Dhaabbileeniifi daldaltoonni dhuunfaa hayyama gudeelchaafi mukaa ykn muka dhoosaniifi wal fakkaatan eeyyama haaromfameefi seera qabeessa taheefi Lakkoofsa TIN number kanqabaniifi galmaawaa VAT kan tahan, sanada caalbaasii haala caalbaasichaa ibsu qarshii hindeebine 200 (dhibba lama) kanfaluudhaan Waajjira Bishaanii Godina Harargee Lixaa keessatti kan argamu Waajjira Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa Damee Harargee lakk. 2irraa bitachuudhaan caalbaasichatti hirmaachuu ni danda'u.
2. Caalbaasichi beeksisni kun guyyaa gaazexaa irratti maxxanfamee bahee irraa eegalee guyyoota walitti aanan 15 (kudha shaniif)qilleensa irra turee gaafa guyyaa 08/01/2019 akka lakkoofsa sa'aatii Itoophiyaatti sa'aatii 4:00tti cufamee 4:30tti banama.
3. Dorgomtoonni caalbaasii kana irratti hirmaatan kabachiisa wabii caalbaasichaatiif (bid bond)iif ta'u gatii waliigalaa dhyeessan irraa dhibbeentaa shan (%5) herreguudhaan baankotamagaalaa Ciroo keessatti argamanitti nagahee baankiidhaan mirkanaawe (CPO) qabsiisuu irraa eegama.
4. Dhaabbatichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gar tokkeen haquuf mirgi isaa eegamaadha.
Odeeffannoo dabalataaf:-Lakkoofsa bilbilaa: 0920911314/0913551405
bilbiluun gaafachuun ni danda'ama.
Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa Damee Harargee
Tender details
- Deadline: 2026-09-18
- Bid closing time: 10:00
- Bid opening: 2026-09-18 10:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa Damee Harargee
- Bid bond: 5%
- Bid document price: Qarshii 200.00
- Published on: Addis Zemen (Sep 03, 2026)
- Posted at: 2026-09-03T07:44:44.000Z