Vehicle and Machinery Sale

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Gurgurtaa (Dhabamsiisa) Konkolaataa Fe'umsaa Siinoo Tiraakii (Sino Truck) Waajjira Maallaqaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Bara Baajataa 2019

Description

Beeksisa caalbaasii

Goodina Baha oromiyaatti Waajjiiraa Maallaqaa Aanaa Shanan Dhuuggootti bara baajataa 2019 beeksisa caalbaasii Meeshaa dhumataa kan Konkolaataa fe'umsaa siinoo trak kan bifti isaa diimaa, lakk.mootoraa M/ZZS5ELND4CN680187,Lakk. Chaansii F050VG2600110812 fi iddoon itti hojjatame chaaynaa, qabeenyi kun iddoon itti argamu Aanaa shaman dhuuggootti magaalaa shanan Araddaa 01 iddoo addaa toora waajjira poolisii Biratti argamu caal-baasiin ifaan wal dorgomsiisee gurguruu (Dhabamsiisuu) waan barbaaduuf dorgomttootni ulaagaalee armaan gaditti tarreeffaman guutuu dandeessan caal-baasii kana irratti akka hirmaattan gaazexaa kallacha oromiyaa irratti

Ulaagaalee barbaachisan

1. Hayyama daldalaa gosa hojii kanaa wajjiin walfakkaatu kan qaban bara 2019 haaroomsan ragaa dhiyeefachuu kan danda'an fi gibira kaffaluu isaatiif raga abbaa taayitaa galiiwwanii irraa dhaleeffachuu kan danda'an

2. Dorgomtootni sanada caal-baasii Waajjira maallaqaa Shanan dhuuggoo irraa sanada tokko qarshii 500 (dhibba shan) kan hin deebine kafaluudhaan guyyaa caalbaaschi itti bahe irraa egltanii guyyaa hojii 15 (kudha shan) keessatti bitachuu ni dandeessan.

3. Dorgomtootni sanada caal-baasichaa sirritti haqaa fi laaqaa malee guutuudhaan yeroo galchan orijinaalaa fi footoo kooppii isaa tokkoo wajjiin waaree booda sa'aatii 8;00 gara sanduuqa caalbaasichaatti galchuu fi guyyuma kana sa'aatii 8:30 bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seera qabeessa jiranitti kan banama.

4. Dorgomtootni caalbaasicha kana gufachiisuuf ykn jallisuuf yaalan kamiyyuu caalbaasiin ala taasifamuun caalbaasii fuula duraa irratti hirmaachuu hin danda'an.

5. Dorgomtootni waa'ee caalbaasichaa ykn dogongora sanada caalbaasii irratti qunnameef wantoota gaafachuu barbaadan hanga guyyaa baninsatti waaree dura hanga sa'aa 7;00 qofa gaafachuu kan dandeessan tahuu isin hubachiifna.

6. Dorgomtootni kabachisiisa caal-baasichaa qarshiidhaan ykn CPO baankii seera qabeessa ta'en mirkanffamee kan deebi'u qarshii 20,000 (kuma digdama) qabsiisuu qaban CPO yoo kan dhiyeeffatan ta'e kophaatti fiduu qaban.

7. Dorgomtootni maqaa dhaabbatichaa fi iddoo hojii ibsuudhaan sanadoota orjinaala, waraabbii postaa lamaan invelopiin saamsuun qaama angoo qabuun kan mallattaa'e chaappaa gochuun dhihaatuu qaba

8. Waajjirichi filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guutumaa guututti haquuf mirgi isaa eggamaadha. Goodina Baha oromiyaatti

Waajjiiraa Maallaqaa Aanaa Shanan Dhuuggoo


Tender details

  • Deadline: 2026-12-05
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid closing (note): guyyaa hojii 15 (kudha shan) Sa,aatti 8:00tti
  • Bid opening: 2026-12-05 14:30
  • Bid opening (note): guyyaa hojii 15 (kudha shan) Sa,aatti 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjiiraa Maallaqaa Aanaa Shanan Dhuuggoo
  • Bid bond: Qarshii 20,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Nov 19, 2026)
  • Posted at: 2026-11-20T08:44:21.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders