Beeksisa Caalbaasii Liizii Lafa Marsaa 1ffaa፡ Waajjiirri Lafaa Magaalaa Shaggar, iddoowwan tajaajila adda addaatif qophaa'an kanneen Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee, Buraayyuu, Malkaa Noonnoo fi Furiitti argaman caalbaasiidhaan dorgomsiisee liiziin dabarsuu

Description

Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Waajjiira Lafaa Magaalaa Shaggar

Beeksisa Caalbaasii Liizii Lafa Marsaa 1ffaa

Sandaqata caalbaasii bitachuuf፡  yookaan as seena

Waajjiirri Lafaa Magaalaa Shaggar, iddoowwan tajaajila adda addaatif qophaa'an kanneen Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee, Buraayyuu, fi Malkaa Noonnoo argaman caalbaasiidhaan dorgomsiisee liiziin dabarsuu barbaada.

Sanada caalbaasii bitachuuf telebirr, toora intarneetii shaggarland.2merkato.com ykn shaggarland.afrotender.com  seenuun onlaayiniin bitachuu fi sanadicha piirinti gochuun dorgomuu qabu.

Bittaa sanada caalbaasii Ebla 05/2018 irraa eegalee hanga Ebla 22/2018tti sa'aatii 10:00tti guyyoota hojii walitti aananitti raawwachuu dandeessu; dorgomtootni sanada deebii caalbaasii, CPO, ragaa dandeettii ijaarsaa agarsiisu, nagahee ykn isliipii kaffaltii sanada ittiin bitatan fi ragaalee biroo dabalataan qajeelfama dorgomtootaa irratti ibsaman poostaadhaan saamsuun hanga Ebla 22/2018 sa'aatii 11:30tti (waaree booda) naannoo Gootaraa/Kondominiyeemii Maammoo/Kolleejjii Poolii Tekinikaa Nifaas Silk fuuldura/ argama iddichaa (Google Location) https://maps.app.goo.gl/toCJZwKSxr2Sxckv7?g_st=awb  iddoo Waajjiirri Lafaa Magaalaa Shaggar itti argamutti Gamoo Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa (MESOB) Magaalaa Shaaggar darbii jalatti  saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.

Caalbaasiin kun dorgomtootni ykn bakka bu'ootni seeraa isaanii bakka argamanitti Ebla 28/2018 ganama sa'aatii 3:00 irraa eegalee guyyoota hojii 3 walitti aananiif Galma Waajjirichi Dhimma Kanaaf Qopheessutti  kan banamu ta'ee, ibsi dabalataa isaa beeksisa keessaa irratti ni ibsama.

  • Odeeffannoo bal'aa caalbaasichaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa fi Gaazexaa 'Addis Zemen' Ebla 08/2018 bahe irratti ilaaluun ni danda'ama. Dabalataanis, weebsaayitoota armaan olitti ibsaman irratti odeeffannoo kana argachuu ni dandeessu.
  • Waajjiirrii kun filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeenis ta'e guutummaatti haquuf mirgi isaa eegamaadha.
  • Odeeffannoo dabalataatiif lakk. bilbila Waajjiira Lafaa +251-11-47-095-44 ykn +251-11-47-080-06 irraa argachuun ni danda'ama.

Sandaqata caalbaasii bitachuuf፡  yookaan as seena


Tender details

  • Deadline: 2026-04-30
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid opening: 2026-05-06 09:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Shaggar City Land Office
  • Published: Apr 13, 2026
  • Posted at: 2026-04-13T12:32:14.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders