Vehicle and Machinery Sale

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Konkolaattootaa, Mo- torsaayikilootaa Mashineerii fi Jenereterootaa gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo/Godinaa/Magaalaa fi Aanaatti argaman Caal-baas

Description

1. Beeksisa Caal-baasii Ifaa Gurgurtaa Lakk. 05/2019

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Konkolaattootaa, Mo- torsaayikilootaa Mashineerii fi Jenereterootaa gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo/Godinaa/Magaalaa fi Aanaatti argaman Caal-baasii Ifaadhaan dorgomsiisee gur- guruu barbaada. Kanaaf- dorgomtoonni caalbaasicha irratti dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahce eegalee Sadaasa 01/ 03/Bara 2019 sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan yemmuu ta'u:-

1. Teessoon Ejensichaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Lidetan, Hospitaalaa Baalchaa duuba/Hospitaa- la Poolisii Itiyoophiyaa fuuldura Gamoo Caffee Aannanii, Daarektoreetii Bittaa, Faayinaansii fi Bulchinsa Qabeenyaa Ejensichaa Darbii 3(3rd Floor) Biiroo Lakk-03 dhihaachuun Qarshii 400.00(dhibba afur)kan hin deebine kaffaluun sanadicha Darbii 3(3rd Floor) Daareektoreeti Tilmaama Gatii fi Gurgurtaa Qabeenyaa Biiroo Lakk-02 irraa fudhachuu dandeessu.

2. Sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan guyyoo- ta hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30-6:30 fi sa'a booda 7:30-11:00 tti qofa dha.

3. Haala qabeenyichaa ilaalchisee hanga Sadaasa 01/ 03/Bara 2019 guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30-6:30 fi sa'a booda 7:30-11:00 tti qofa haala sanada caalbaasii keessatti ibsameen bakka qabeenyichi argamutti dhihaachuun ilaaluu ni dan- deessu

4. Dorgomtoonni sanada yaada dorgommii ykn gatii  guyyaa beeksifni kun bahee kaasee Sadaasa 02/03/ Bara 2019tti sa'aa 5:00 W.D poostaa (envelop) saamsameen dhiheessanii saanduqa Ejensiin caal- baasichaaf qopheesse keessa galchuu qabu.

5. Caalb.aasichi Sadaasa 02/03/Bara 2019 5:00 W.D tticufamuun guyyuma sana sa'aa 5:15 W.D bakka dorgomtoonni ykn.bakka buutonni seera qabeessa isaanii argamanitti ifaan ni banama.

6. Dorgomtoonni gatii Ka'umsa Sanada Caalbaasii irraa dhibbeentaa digdama (20%) kabachiisa Wabii caalbaasii C.P.O baankiin Mirkanaa'e Ma- qaa Mana Hojii Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency qopheessuun poostaa gaaffii yaada dorgommii qophaa'e keessa galchuun dhiyeessuu qabu.

7. Manni hojichaa filannoo biroo yoo argate caalbaas- icha gar-tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirgi isaa kan eeggamedha

CPO Hojjechiisuuf

Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency Fifnfinnee 

Odeeffannoo dabalataa Lakk Bilbiluun 011-1-8340-636's bilbiluun hubachu- un ni danda'ama

Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency Fifnfinnee 


Tender details

  • Deadline: 2026-11-11
  • Bid closing time: 11:00
  • Bid opening: 2026-11-11 11:15
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency
  • Bid bond: 20%
  • Bid document price: Qarshii 400.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 15, 2026)
  • Posted at: 2026-10-16T08:12:44.000Z
← Back to all tenders