Vehicle and Machinery Sale
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Konkolaattotaa Motorsaayikiloota fi Mashiini gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo /Godinaa/ Magaalaa fi Aanaatti argaman Caal-baasii Ifaadhaan dorgomsi
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Gurgurtaa Lakk. 02, 2019 bahe
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Konkolaattotaa Motorsaayikiloota fi Mashiini gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo /Godinaa/ Magaalaa fi Aanaatti argaman Caal-baasii Ifaadhaan dorgomsiisee gurguruu barbaada. Kanaaf:- dorgomtoonni caalbaasicha irratti dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahee eegalee hanga Qaammee 2, Bara 2018tti sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan yemmuu ta'u:-
1. Teessoon Ejensichaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Lidetaa, Hospitaalaa Baalchaa duuba/Hospitaala Poolisii Itiyoophiyaa fuuldura Gamoo Caffee Aannanii, Daarektoreetii Bittaa, Faayinaansii fi Bulchinsa Qabeenyaa Ejensichaa Darbii 3(3rd Floor) Biiroo Lakk-03 dhihaachuun Qarshii 400.00 /Dhibba Afur/ kan hin deebine kaffaluun sanadicha Darbii 3ffaa (3rd Floor) Daareektoreetii Tilmaama Gatii fi Gurgurtaa Qabeenyaa Biiroo Lakk-02 irraa fudhachuu dandeessu.
2. Sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30- 6:30 fi sa'a booda 7:30-10:30 tti qofa dha.
3. Haala qabeenyichaa ilaalchisee hanga Qaammee 2, Bara 2018tti guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30- 6:30 fi sa'a booda 7:30-10:30 tti qofa haala sanada caalbaasii keessatti ibsameen bakka qabeenyichi argamutti dhihaachuun ilaaluu ni dandeessu
4. Dorgomtoonni sanada yaada dorgommii ykn gatii guyyaa beeksifni kun bahee kaasee hanga Qaammee 3, Bara 2018tti sa'aa 5:00 W.D poostaa (envelop) nuu saamsameen dhiheessanii saanduqa Ejensiin caalbaasichaaf qopheesse keessa galchuu qabu.
5. Caalb.aasichi Qaammee 3, Bara 2018tti Sa'aa 5:00 W.D tticufamuun guyyuma sana sa'aa 5:15 W.D bakka dorgomtoonni ykn.bakka buutonni seera qabeessa isaanii argamanitti ifaan ni banama
6. Dorgomtoonni gatii Ka'umsa Sanada Caalbaasii irraa dhibbeentaa digdama (20%) kabachiisa Wabii caalbaasil C.P.O baankiin Mirkanaa'e Maqaa Mana Hojii Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency qopheessuun poostaa gaaffii yaada dorgommii qophaa'e keessa galchuun dhiyeessuu qabu.
7. Manni hojichaa filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirgi isaa kan eeggamedha.
CPO Hojjechiisuuf
Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency Fifnfinnee
የኦሮሚያ ብሔራዊ ክልላዊ መንግት የመንግስትግዥና ንብረት ማስወገድ ኤጀንሲ
Odeeffannoo dabalataa
Lakk Bilbiluun 011-1-15-57-70-27'n bilbiluun hubachuun ni danda'ama Ejensiin Bittaa & Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa
Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency Fifnfinnee
Tender details
- Deadline: 2026-09-08
- Bid closing time: 11:00
- Bid opening: 2026-09-08 11:15
- Region: Oromia
- Publishing entity: Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency
- Bid bond: 20%
- Bid document price: Qarshii 400.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
- Posted at: 2026-08-15T09:22:05.000Z