Office Machines and Accessories
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa sibiloota cacaboo gosa addaa addaa, gommaa gosa addaa addaa Qorqorroo ciccitaa gosa addaa addaa fi Meeshalee Biiroo keessaa gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Caal-b
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Gurgurtaa
Lakk. 03/2019 Marsaa Jalqaaf bahe
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa sibiloota cacaboo gosa addaa addaa, gommaa gosa addaa addaa Qorqorroo ciccitaa gosa addaa addaa fi Meeshalee Biiroo keessaa gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Caal-baasii Ifaadhaan dorgomsiisee gurguruu barbaada.
Kanaafuu; dorgomtoonni caalbaasicha irratti dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahee eegalee hanga Fulbaana,07/2019tti sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan yemmuu ta'u: -
1. Teessoon Ejensichaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Lidetaa, Hospitaalaa Baalchaa duuba/Hospitaala Poolisii Itiyoophiyaa fuuldura Gamoo Caffee Aannanii, Daarektoreetii Bittaa, Faayinaansii fi Bulchinsa Qabeenyaa Ejensichaa Darbii 3 (3rd Floor) Biiroo Lakk-03 dhihaachuun Qarshii 400.00 / Dhibba Afur/kan hin deebine kaffaluun sanadicha Darbii 3ffan (3rd Floor) Daareektoreetii Tilmaama Gatii fi Gurgurtaa Qabeenyaa Biiroo Lakk-02 irraa fudhachuu dandeessu.
2. Sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30-6:30 fi sa'a booda 7:30-10:30 tti qofa dha
3. Haala qabeenyichaa ilaalchisee hanga Fulbaana 07/2019 tti guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30-6:30 fi sa'a booda 7:30-10:30 tti qofa haala sanada caalbaasii keessatti ibsameen bakka qabeenyichi argamutti dhihaachuun ilaaluu ni dandeessu
4. Dorgomtoonni sanada yaada dorgommii ykn gatii guyyaa beeksifni kun bahee kaasee hanga Fulbaana 08/2019tti sa'aa 5:00 W.D poostaa (envelop) saamsameen dhiheessanii saanduqa Ejensiin caalbaasichaaf qopheesse keessa galchuu qabu.
5. Caalb.aasichi Fulbaana 08/2019tti Sa'aa 5:00 W. D tticufamuun guyyuma sana sa'aa 5:15 W. D bakka dorgomtoonni ykn. Bakka buutonni seera qabeessa isaanii argamanitti ifaan ni banama.
6. Dorgomtoonni gatii Ka'umsa Sanada Caalbaasii irraa dhibbeentaa kudhan (10%) kabachiisa Wabii caalbaasii C.P.O baankiin Mirkanaa'e Maqaa Mana Hojii Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency qopheessuun poostaa gaaffii yaada dorgommii qophaa'e keessa galchuun. dhiyeessuu qabu.
7. Manni hojichaa filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gar- tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirgi isaa kan ceggamedha.
CPO Helischiisuuf
Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency Eifafinace
የኦሮሚያ ብሔራዊ ክልላዊ መንግትየመንግስት ግዥና ንብረት ማስወገድ ኤጀንሲ
Odeeffannoo dabalataa Lakk.Bilbiluun 011-1-15-57-70-27'm bilbiluun hubachuun ni danda'ama
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamslisa Qabeenya Mootummaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-18
- Bid closing time: 11:00
- Bid opening: 2026-09-18 11:15
- Region: Oromia
- Publishing entity: Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa
- Bid bond: 10%
- Bid document price: Qarshii 400.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T08:32:17.000Z