Tri Wheeler, Motorcycles and Bicycles Purchase

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Konkolaattootaa, Motorsaayikilootaa fi Jenereterootaa gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo/Godinaa/Magaalaa fi Aanaatti argaman Ifaadhaan dorgomsiisee

Description

Caalbaasii

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Konkolaattootaa,Motorsaayikilootaa fi Jenereterootaa gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo/Godinaa/Magaalaa fi Aanaatti argaman Ifaadhaan dorgomsiisee gurguruu barbaada. Kanaaf:- dorgomtoonni caalbaasicha irratti dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahee eegalee hanga Onkololeessa 19/2019 sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan yemmuu ta'u:-

1. Teessoon Ejensichaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Lidetaa, Hospitaalaa Baalchaa duuba/Hospitaala Poolisii Itiyoophiyaa fuuldura Gamoo Caffee Aannanii, Daarektoreetii Bittaa, Faayinaansii fi Bulchinsa Qabeenyaa Ejensichaa Darbii 3ffaa (3rd Floor) Biiroo Lakk-03 dhihaachuun Qarshii 400.00(dhibba afur)kan hin deebine kaffaluun sanadicha Darbii 3faa (3rd Floor) Daareektoreetii Tilmaama Gatii fi Gurgurtaa Qabeenyaa Biiroo Lakk-02 irraa fudhachuu dandeessu.

2.  Sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30-6:30 fi sa'a booda 7:30-11:00 tti qofa dha.

3. Haala qabeenyichaa ilaalchisee hanga Onkololeessa 19/2019 guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30- 6:30 fi sa'a booda 7:30-11:00 tti qofa haala sanada caalbaasii keessatti ibsameen bakka qabeenyichi argamutti dhihaachuun ilaaluu ni dandeessu

4. Dorgomtoonni sanada yaada dorgommii ykn gatii guyyaa beeksifni kun bahee kaasee Onkololeessa 20/2019 tti sa'aa 5:00 W.D poostaa (envelop) saamsameen dhiheessanii saanduqa Ejensiin caalbaasichaaf qopheesse keessa galchuu qabu.

5. Caalb.aasichi Onkololeessa 20/2019 Sa'aa 5:00 W.D tticufamuun guyyuma sana sa'aa 5:15 W.D bakka dorgomtoonni ykn.bakka buutonni seera qabeessa isaanii argamanitti ifaan ni banama.

6. Dorgomtoonni gatii Ka'umsa Sanada Caalbaasii irraa dhibbeentaa digdama (20%) kabachiisa Wabii caalbaasii C.P.O baankiin Mirkanaa'e Maqaa Mana Hojii Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency qopheessuun poostaa gaaffii yaada dorgommii qophaa'e keessa galchuun dhiyeessuu qabu.

7. Manni hojichaa filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirgi isaa kan eeggamedha.

CPO Hojjechiisuuf

Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency Fifnfinnee 

የኦሮሚያብሔራዊክልላዊመንግትየመንግስትግዥናንብረትማስወገድኤጀንሲ

Odeeffannoo dabalataa

Lakk Bilbiluun 011-1-834 0636'n bilbiluun hubachuun ni danda'ama

Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency Fifnfinnee 


Tender details

  • Deadline: 2026-10-30
  • Bid closing time: 11:00
  • Bid opening: 2026-10-30 11:15
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency
  • Bid bond: 20%
  • Bid document price: Qarshii 400.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 08, 2026)
  • Posted at: 2026-10-09T10:29:57.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders