Other Sales

Wajjiraa Mallaqaa Bul/ M/ Naqamtee haftee foonii gosa adda addaa bakka qeeraa jedhamutti argamuu fi qabeenyaa Mana Qopheessaa Bul/M/Naqamtee kan ta'e caal-baasii ifaan dorgomsiisee gurguruu waan barbaaduuf dorgomtootni ulaagaa armaan gadii guuttan dorgomu

Description

Beeksisaa Caal-Baasii ifaa Gurgurtaa Haftee Foonii gosa

adda addaa Marsaa 1ffaa

Wajjiraa Mallaqaa Bul/ M/ Naqamtee haftee foonii gosa adda addaa bakka qeeraa jedhamutti argamuu fi qabeenyaa Mana Qopheessaa Bul/M/Naqamtee kan ta'e caal-baasii ifaan dorgomsiisee gurguruu waan barbaaduuf dorgomtootni ulaagaa armaan gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu.

Ulagaaleen barbaachisan :-

  1. Heyyama daldalaa kallattiin kan qabuu fi kan bara 2018/2019 kan harreffatan ta'uu qaba.
  2. Galma'ee Raga TIN NO kan qabuu
  3. Dorgomtonni kabachiisa caal-baasii qarshii 12,000.00 (Kuma kudha lama) (CPO) baankii beekamtii qabu irraa hojjechiisuun Sanada dorgommii waliin qabsiisanii dhiyyeffachuu qabu.
  4. Dorgomaan haftee foonii gosa adda addaa irratti dorgomee mo'ate kana yeroo kennameef keessaatti hanga bittaaf isaa eeyyamame kaafachuu kan danda'u ta'uu qaba.
  5. Dorgomaan Caal-baasii mo'ate meeshaalee haftee foonii gosa adda addaa kaafachuuf gargaaranii fi kan akka humna namaa baasii mataa isaatiin kan haguugu ta'a.
  6. Dorgomaan mo'achuun isaa guyyaa ibsamee irraa jalqabee guyyaa 5 (Shan) keessatti qamaan ykn B/Bu'insa seera qabeessa ta'e qabachuun W/ra Maallaqa Bul/M/Naqamtee kutaa Ade Bittaatti argamee waligaltee mallatteessuu qaba.
  7. Dorgomaan Caal-baasii mo'ate walii galtee erga uumee booda haftee foonii gosa adda addaa irratti mo'ate guyyoota 15 (kudha shan) keessatti hanga gurgurtaaf isaaf eeyyamame kaafachuu qaba.
  8. Dorgomaan Sanada caal-baasii qarshii hin deebine 300 (dhibba sadii) Baankii Siinqee Damee Naqamtee lakk. Herrega bankii 1052230401214 irratti galchuun ragaa baankii (Bank Silip) kennameef gara waajjira Galliwwaan Bul/Magaala Naqamteetti geessuun nagahee galiitti erga jijjiiree booda galii gochuu keessaniif Nagahee galii waajjira galiiwwanii irraa siniif kennamu Orjinaala isaa fi koppii tokko (1) qabachuudhaan W/ra Maallaqa Bul/Magaalaa Naqamteetti dhiyeesuun kutaa Adeemsa bittaa irraa sanda Caalbaasii fudhachuun gatii tokkoo guutuun dorgomuu ni dandeessu.
  9. Dorgomaan caal-baasii dorgomu kamiyyuu caal-baasiin banamee dorgommilf erga dhiyaatee booda caal-baasicha keessaa bahuu hin danda'u.
  10. Gatii dorgomaa tokkoo irratti hundaa'uudhaan gatii dhiyeessuun gonkumaa hin danda'amu.
  11. Dorgomtoonni sanada Caal-baasichaa (bid docement) hundaa irratti Mallattoo Teessoo fi Chapaa dhaabbata isaanii itti goochuudhaan koppii ragaalee lakk. 1 fi 2 irratti argamuu fi sanada tekinikaa CPO dabalatee koppii isaa fi orijinaala isaa qofa qofaatti Poostaa tokko tokkoon saamsuudhaan, akkasumas sanada dhiyeessii gatii (Fayinaanshaalii) koppii isaa fi orijinaala isaa qofa qofaatti poostaa tokko tokkoon saamsuudhaan poostota arfan isaanii poostaa guddaa tokko keessa galchuun saamsanii dhiyeeffachuun saanduqa caal-baasii kanaaf qophaa'e keessa ganama sa'atii 4:00 irratti galchuu qabu, Sandni caal-baasii kun yoo akkaataa beeksisa kanarratti ibsameen guutamee dhiyaachuu baatee fi akkasumas erga sa'aatiin darbee booda sanadni Caal-baasii dhiyaatu fuudhatama hin qabu.
  12. Caal-baasichi guyyaa beeksifni kun Gaazexaa Addis Zaman irratti ba'ee irraa eegalee guyyaa walitti aanan 15 (kudha shaniif) qilleensa irraa kan turu ta'ee gaafa guyyaa 16ffaa ganama keessaa sa'atii 4:00 irratti saanduqa galee yeroodhuma sana sa'a 4:30 irraatti dorgomtoonni qaamaan ykn bakka bu'aan seera qabeessa ta'e bakka argamaanitti ni banama, garuu guyyaan baninsaa caalbaasii kun Ayyaana Waggaa ykn sanbata yoo ta'e guyyaa hojii itti aanu kan banamu ta'a. dorgomaan ykn bakka bu'aan seeraa yoo argamuu baates sanada caal- baasii banuu hin dhorkisiisu.
  13. Dorgomaan Caal-baasicha Gufachiisuuf yaalu kamiyyuu gara fuula duraatti caal-baasii mootummaan baasuu ala ni ta'a.
  14. Waajjirichi karaa fooyya'aa yoo argate caal- baasicha gara-tokkonis ta'e guutuumaan guutuutti hambisuuf ykn haquuf Mirgi isaa seeraan eegamaa dha.

Nagaa wajjiin!!

ibsa dabalataaf Lakk. Bilbilaa 0578901032 bilbiluun gaafachuun ni danda'ama.

Waajjira Maallaqa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee


Tender details

  • Deadline: 2026-11-11
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): 16ffaa ganama keessaa sa'atii 4:00 irratti
  • Bid opening: 2026-11-11 10:30
  • Bid opening (note): 16ffaa ganama keessaa sa'atii 4:30 irratti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee
  • Bid bond: Qarshii 12,000.00
  • Bid document price: Qarshii 300.00
  • Published on: Addis Zemen (Oct 27, 2026)
  • Posted at: 2026-10-27T11:22:34.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders